Malaammaltummaa ittisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii furuun xiyyeeffannoo argachuu qaba – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018(FMC) – Naannnoo Oromiyaatti malaammaltummaa ittisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii furuun xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.

Gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 1ffaa bara 2018 magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.

Obbo Shimallis wayita kana akka dubbatanitti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman fedhii fi dandeettii misoomaa jiru waliin yoo ilaalamu ammas hedduutu hafa.

Sadarkaa biyyaa irraa hanga nama dhuunfaatti badhaadhina fiduuf aadaa qusannaa uummataa cimsuu, humna waloo fi dhuunfaa siriitti fayyadamuu, kennai tajaajilaa ariifataa fi hojiiwwan biroon irratti hojjetamuu akka qaban kaasaniiru.

Hojiiwwan bara darbe hojjetaman sirriitti akka qoratamanii fi geggeessitoonni sirriitti akka ofi ilaaluu qabanis hubachiisaniiru.

Gaaffilee misoomaa fi kanneen biroo lammilee irraa dhiyaatan akka naannootti deebisuuf hojjetamaa kan jiru ta’us, malaammaltummaa ittisuun, hoji-dhabdummaa xiqqeessuu, hiyyummaa xiqqeessuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun waltajjichaaan xiyyeeffannoo argachjuu akka qabanis akeekaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, bara darbe hojiiwan gaaffilee misoomaa uummata naannichaa deebisan hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Karoora “Waggaa tokko akka waggaa shaniitti yaaduun haa hojjennu” jedhu bu’uureffachuun adeemsa nagaa mirkaneessuu fi kenna tajaajilaa fooyyessuu keessatti bu’aan galmaa’aa jiraachuus dubbataniiru.

Milkiyaas Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment