Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti misooma koridarii hordofuun manneen fincaanii ummataa 107 ijaaraman tajaajila kennuu eegalaniiru.
Biiroo Miidhagina Magaalaa fi Misooma Magariisaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti dursaan Garee Bulchiinsa Mana Fincaanii Uummataa Tsadaaluu Massalawu akka jedhanitti; Misoomni koridarii kun Sochii Qulqullina Itoophiyaa keessatti gumaacha guddaa qaba.
Misooma koridarii hordofuun manneen fincaanii ummataa 107 ijaaramanis tajaajila kennuu eegaluu isaanii ibsanii; yeroo dhiyootti manneen fincaanii hedduun tajaajila kennuu akka eegalanis eeraniiru.
Akkasumas, bakkeewwan misoomni koriidarii hinjirretti Ministeerri Fayyaa Baankii Addunyaa waliin ta’uun mana fincaanii ummataa ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Waajjirichi bara dhufu mana fincaanii ummataa 100 kan ijaaru ta’uu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.
Hawaasni mana fincaanii ummataa akka fayyadamu jajjabeessuuf duula hubannoo uumuu gaggeeffameen gochi daandii irratti fayyadamuu hir’achuu isaa hubachiisaniiru.
Magaalattiitti manneen fincaanii ummataa kanaan dura ijaaraman irratti waldaaleen 250 fi kanneen misooma koridariin ijaaraman irratti ammoo 57 ijaaramuun hojjechaa akka jiranis himaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.