Manneen jireenyaa qulqullinaa fi saffisaan ijaaramanii akka xumuraman xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Manneen jireenyaa qulqullinaa fi saffisaan ijaaramanii akka xumuraman xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech manneen jireenyaa kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannawaa Addabaabayii Jarmanitti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Magaalaa Finfinneetti fedhii manneen jireenyaa guutuuf filannoowwan jiran hunda fayyadamuun xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan .

Mootummaa, damee dhuunfaa, akkasumas mootummaa fi dameen dhuunfaa tumsaan manneen jireenyaa qulqullina qaban saffisaan ijaaraa jiru jedhan aadde Adaanech.

Bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’uuf fedhii qabaniif deeggarsa addaa taasiisuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Ijaarsi manneen jireenyaa kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannawaa Addabaabayii Jarmanitti argamu erga eegalamee baatiwwan 9 kan lakkoofsise ta’uu Itti Gaafatamaan Seekreetaariyaatii Pireesii Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee Dooktar Mi’eessoo Eellemaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Comments (0)
Add Comment