Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) – Baatiiwwan salgan darbanitti magaalota baadiyyaa 18 keessatti manneen kumni 50n humna soolaarii fayyadamuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.
Ministeerichatti hoji-raawwachiisaan Misoomaa fi Ce’umsa Tekinooloojii Inarjii Baadiyyaa Birhaanuu Walduu akka ibsanitti, lammiileen baadiyyaa jiraatan humna elektirikii akka fayyadamaniif hojjetamaa jira.
Baadiyyaa fi magaalonni baadiyyaa humna aduutiin elektirika akka argataniif hojii hojjetamaa jiru kanaan magaalota baadiyyaa 18 keessatti manneen kumni 50n humna soolaarii xiqqaa fayyadamuu danda’uu dubbataniiru.
Lammiileen tekinooloojii aduu sadarkaa maatii kanaan fayyadaman faayidaa mana keessaa irra darbee hojii qonnaatiif oolchaa jiraachuu obbo Birhaanuun eeraniiru.
Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan bishaan lafa keessaa bob’aa fi humna isaan baasaa ture humna aduun akka baasuu danda’uuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Iyyonaadaab Andu’aalamtu gabaase.