Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan akkaataa maqaa biyyaa ijaaruun akka kabajamuuf gahee Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin bahateef Manni Maree Federeeshinii beekamtii kenneefira.
Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajame milkiin akka xumuramu qaamolee gahee qaban hundaaf sagantaan beekamtii kennuu har’a Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Kanaanis Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin gumaacha godheef beekkamtii argateera.
Ayyaanichi bifa ho’aa fi akkaataa maqaa biyyaa ijaaruun akka kabajamu gumaachi miidiyaaleen taasisan olaanaa ture jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Hojii raawwachiiftuun Buufataalee Raadiyoo Faanaa aadde Tigist Silashiin gama isaaniin beekamtichi Faanaan tokkummaa sabdaneessummaa, seenessa waloo guddisuu, maqaa biyyaa ijaaruu fi hariiroo ummattootaa cimsuuf caalmaatti akka hojjetu dandeettii dabalataa ta’aaf jedhan.
Maartaa Getaachootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.