Manni Maree Ministirootaa murtoo adda addaa dabarse

Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 51ffaa gaggeesseen murtoo adda addaa dabarseera.

Manni marichaa dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan:-
1.Waliigalteewwan wixinee eeyyama oomisha albuudaa fi Xaa’oorratti mari’ateera.

Wixineewwan lamaan dhiyaatan sharafa alaa guddisuu, lammiileef carraa hojii uumuu, baasii olaanaa sharafa alaa Itiyoophiyaan xaa’oo bituuf baaftu hambisuu fi xaa’oo yeroon qonnaan bultootaaf dhiyeessuu fi raabsuuf faayidaa olaanaa qabaachuu isaan Ministeerri Albuudaa waliigalteewwan kanneen akka mallatteessuu fi gara hojiitti galu manni marichaa sagalee guutuun yaada murtoo kenneera.

2. Wixninee Imaammata misoomaa manaarratti mari’ateera.

Waggoottaan darban dhiyeessi manaarratti hojii gaariin hojjetamus fedhiin jiruu fi dhiyeessiin kan wal hin madaalle ta’uu marichaan ka’eera.

Manni marichaa wixinee dhiyaaterratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda galteewwan dabaluun guyyaa ragga’e kanaa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

3. Akkasuma manni marichaa walga’ii idilee gaggeesse kanaan waliigaltee deeggarsa Baankii impoortii fi Ekispoortii Kooriyaa waliin taasifameerratti mari’ateera.

Bankicha waliin waliigalteen liqaa Doolaara miiliyoona 30 Piroojektii dhiyeessa meeshaalee yaala fayyaaf oolu yoo ta’u, dhalli isaa % 0.01 kan kaffalamuu fi yeroo aara galfii waggaa 5 dabalatee waggoota 40 keessatti kan kaffalamuudha.

Manni marichaas liqichi imaammata liqaa Itiyoophiyaan kan walmadaalu ta’uu isaa mirkaneessuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelcheera.

4. Gama biroon dambii Tajaajilli Immigireeshinii fi lammummaa tajaajilawwan kennuuf kaffalchiisu murteessuuf bahe irratti manni marichaa mari’ateera.

Dhimmicharratti bal’inaan erga mari’atee booda dambichi guyyaa Geezexaa Nagaaritirratti maxxanfamee bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

5. Manni Marichaa Labsii Fooyyessa Waldaalee Hojii Gamtaa irrattis mari’ateera.

Labsiin Waldaalee Hojii Gamtaa hojiirra jiru labsii lakkoofsi 985/2009 kallattiiwwan jijjiirama biyyaalessaa hordofuun kaa’aman waliin akka wal simuuf labsicha fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef labsiin fooyyessii kun qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera.

Manni Marichaas labsii fooyya’e kanarratti erga mari’ateen booda Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbuuf sagalee guutuun murteesseera.

6. Manni Maree Ministirootaa Labsii Seekuriitii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa fooyyessuuf baherrattis mar’ateera.

Hojimaata yaaddoowwan nageenyaa: nageenya amansiisaafi si’aayina geejjiba qilleensaa irratti mul’atan gahumsaan ittisuuf dandeessisu hojiirra oolchuuf labsii lakkoofsa 432/1997 fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef labsichi qophaa’ee dhiyaateera.

Manni marichaas labsii fooyya’erratti erga mari’ateen booda gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka dabarfamuuf sagalee guutuun murteesseera.

7. Manni Marichaa danbiiwwan Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hundeessuuf bahee fi danbii gurmaa’iinsa, aangoofi hojii Inistiitiyuutii Hoggansa Ga’umsaafi Hojii Itiyoophiyaa murteessuuf baherratti mari’ateera.

Manni marichaas danbiiwwan kanneen irratti bal’inaan erga mari’ateen booda guyyaa gaazexaa federaalaa Negaariti irratti maxxanfamanii bahan irraa eegalee hojiirra akka oolaniif sagalee guutuun murteesseera.

8. Manni Maree Ministirootaa danbii hanga galii, maddaafi bulchiinsa fandii hunda hammataa murteessuuf baherrattis mari’ateera.

Danbichi bu’uura labsii tajaajila kominikeeshinii Itiyoophiyaa lakkoofsa 148/2011 keewwata 49 fi keewwata xiqqaa (3) kan hundaa’e maddi galii tajaajila kominikeeshinii hunda galeessa akka ta’uu akkasumas haala bulchiinsa fandichaa murteessuuf kan qophaa’edha.

Manni marichaas danbicharratti bal’inaan erga mari’ateen booda guyyaa gaafa gaazexaa federaalaa Negaariti irratti maxxanfame irraa eegalee hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun murteesseera.

9. Manni Marichaa Imaammata Ispoortii Federaalawaa Dimookiraatawaa Itiyoophiyaa irrattis mari’ateera.

Imaammanni Ispoortii hojiirra jiru gama hirmaannaa Ispoortii hawaasaa mirkaneessuu, sirna odeeffannoo teeknooloojiin deeggarame diriirsuu, Ispoortii qulqulluu babal’isuufi tooftaalee dawaalee si’eessituu ittisuu akkasumas Ispoortii misooma hawaasummaan fayyadamuu irratti hanqinoota waan qabuuf imaammaticha fooyyessuuf wixineen qophaa’e mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas imaammata kanarratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan itti dabalamuun guyyaa raggaasifamerraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

10. Xumurarrattis Manni Marichaa wixinee labsii Misoomaafi Bulchiinsa Ispoortii Federaalaa irratti mari’ate.

Dameen Ispoortii faayidaa hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa akkasumas bulchiinsa walxaxaa qaburraan kan ka’e damicha haalaan hogganuuf wixineen labsii hammattoo seeraafi sirna hojimaata bulchiinsaa ammayaa’aa, hirmaachisaafi hammataa ta’e diriirsuuf dandeessisu qophaa’ee dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee labsii kanarratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan dabalamuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darbuuf sagalee guutuun murteesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment