Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 53ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota addaarratti mari’achuu murtoo garaagaraa dabarseera.
1. Manni marichaa wixinee labsii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf dhiyaaterratti mari’ateera.
Yuunivarsiitichi akkaataa labsii lakkoofsa 1294/2015 Yuunivarsiitii ofiin ofbulchu ta’ee kan hunda’uu yoo ta’u, damichaan dargaggoota leenjisuun hayyoota ijaarsa biyyaaf murteessoo ta’an horachuuf hojjeta.
Manni marichaas wixinicharratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwan dabalataa dhiyeessuun guyyaa Gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfamee eegalee hojirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
2.Akkasuma dambii haala abbootii qabeenyaaf beenyaan itti kaffalamu murteessuuf baherratti mari’ateera.
Abbootiin qabeenyaa pirojektoota gurguddaa fi dameewwan diinagdee dursa kennaniif guddina dinagdee biyya saffisiisuu danda’an irratti akka bobba’an haala mijataa uumuuf wixinee dhiyaate ta’uu ibsame.
Manni marichaas wixinicharratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwan dabalataa dhiyeessuun guyyaa Gaazexaa Nagaariitirratti maxxanfamee eegalee hojirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
3. Waliigaltee deeggarsa Faayinaansii dhiyaate sadi irrattis mari’ate.
Sanada waliigaltee dhiyaaterratti erga mari’atee booda waliigalteen kunneen imaammata bulchiinsa liqaa Itiyoophiyaan kan walsimu ta’uu isaa mirkaneessuun Mana Maree Bakka Bu’ootaaf akka darbu sagalee guutuun murteessera.
4. Manni marichaa wixinee dambii sirna nagahee kuufama meeshaalee dhiyaate irratti mari’ateera.
Labsiin Sirna nagahee kuufama meeshaalee lakkoofsi 372/1996 bahee hojiirra jiraatus raawwii dambichaaf wixineen bahuu dhabuun adeemsa isaarratti hanqinni mul’achuutu ibsame.
Hanqina kana sirreessuuf, raawwii labsichaaf haala mijeessuuf wixineen qophaa’ee mana marichaaf dhiyaatera.
Manni marichaas wixinee dhiyaaterratti erga mari’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
5. Dabalataan manni marichaa wixinee labsii waliigaltee eeyyama oomisha Warqee fi Sibiilaa dhiyaaterratti mari’ateera.
Wixineen waliigalteewwan lamaan Mana Marichaaf dhiyaatan galii sharafa alaa dabaluu, carraa hojii lammiilee uumuu, dinagdeef gahee qabaachuu, akkasumas kallattii imaammata mootummaan gama eegumsa naannoo fi fayyadamummaa hawaasaa baase kan hordofu ta’uu isaa erga mirkaneessaa gara hojii akka galu yaada murtee kenneera.
6. Dhumarratti manni marichaa wixinee labsii imaammata Tuurizimii dhiyaaterratti marichuun galtee dabalataa dhiyeessuun guyyaa mana marichaan ragga’ee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.