Finfinnee, Ebla 23, 2017 (FMC) –Manni Maree Ministiroota Walga’ii idilee 44ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraatti mari’achuun murtoowwan dabarseera.
1.Manni Marichaa deeggarsa faayinaansii Mootummaa Rippaabilika Xaaliyaanii fi Waldaa Misoomaa idil Addunyaa waliin mallatta’ee irratti mari’teera.
Mootummaa Rippbaabilika xaaliyaan irra Yuuroo miiliyoona 11 fi kumaa 500 sagantaa deeggarsa baajataa misooma diinagdee naannawaafi magariisaa hojiirra oolchuuf yoo ta’uu yeroo haaraa galfannaa waggaa 16 dabalatee waggaa 30 keessatti kaffalamee kan xumuramu ta’a.
Waldaa Misoomaa Idil Addunyaarra argame 38,100,000 SDR Sagantaa jijjiirama baaruuf barsiisuu saffisisuufi dameen barnootaan sagantaa Tiraansifoormeeshinii hojiirraa oolchuuf yoo ta’uu 0.7’ % kaffaltiin tajaajila kan itti kaffalamuu fi yeroo haaraa galfannaa waggaa 6 dabalatee waggaa 38 keessatti kaffalamee kan xumuramuudha jedhameera.
Manni Marichaas liiqiiwwan kunneen dhalli kamuu kan itti hin kaffalamne ta’uu isaan, Sirna Bulchiinsa liiqii biyyaattii waliin kan walsimu ta’uu mirkaneessuun wixineen labsichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
2.Manni Marichaa Wixinee labsii Korpooreeshinii Faayinaansii Afrikaa hundeessuuf mallattta’ee raggaasisuuf ba’errattis mari’ateera.
,Korpooreeshinichi xiyyeeffannoo isaa bu’uuraa’lee misoomaa, qabeenyaa Uumamaa fi misoomaa damee indaastiriirratti taasisuun misoomsitoota Dhuunfaa fi Qaamoolee Mootummaaf deeggarsa Faayinaasii fi teekinikaa kennuuf kan hundaa’eedha.
Itiyoophiyaan miseensummaan makamuun damee dhuunfaaf qabeenyaa faayinaasii dabalataa dhiyeessuu fi sochii diingadee damee dhuunfaa guddisuun guddina diingadee saffisisuu fi hiyyuummaa hir’isuuf faayidaa kan qabu ta’uu isaan manni Marichaa wixinee labsicharratti ergaa mar’tee booda Mana Maree bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
3. Manni marichaa waliigaltee wixinee labsii qaraxa meeshaalee daldala bilisaa naannawaa Afrikaa hir’isuu raawwachiisuuf baherratti mari’ateera.
Bittaa fi gurgurtaan biyyoota miseensaa gidduutti godhamu sababa taarifaan akka hin gufanne, yaa’insi meeshaalee caalmaatti akka guddatu meeshaalee biyyoota miseensarraa dhufanirratti hamma taarifaa adda baasuun murteessuun barbaachisaa ta’uu isaan dambichi Gaazeexaa Nagaaritti maxxanfamee guyyaa bahee eegalee yeroo baatii tokko hin caalle keessatti akka raawwatamu sagalee guutuun murteesseera.
4.Akkasumas manni marichaa wixinee kaffaltii tajaajilaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawasaa Siiviiliin kennaman murteessuuf baherratti mari’ateera.
Dhaabbileen kunneen tajaajila kennaniif baasii baasan uwwisuu, galii isaanii guddisuun tajaajila itti quufinsa qabu maamiltoota isaaniif akka laatan kaffatii dandeettii maamilaa tilmaamama keessa galche murteessuun barbaachisaa ta’uu isaan wixineen qophaa’e guyyaa Gaazexaa Nagaarittirratti maxxanfamee bahee eegalee hojirra akka oolu murteesseera.
5.Gama biroon manni marichaa wixinee labsii lammiileen alaa qabeenya hin sochoonerratti abbaa qabeenyaa ta’uu akka danda’an murteessuuf qophaa’eerratti mari’ateera.
Lammiileen alaa mirga qabeenya lafaa argachuu fi fayyadamuu akka danda’an hojmaanni diriiruun kaappitaalli alaa biyya keessatti hojiirra akka oolu jajjabeessuu, uwwisa misooma manneenii caalmaatti si’oonsuu, maadala fedhii fi dhiyeessi manneen jireenyaa eegsisuu fi lammiileef carraa hojii uumuuf faayidaan qabu guddaa ta’uu isaan manni marichaa wixinee dhiyaateerratti bal’inaan erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteessera.
6. Dhumarrattis manni marichaa wixinee labsii waliigaltee Geejjiba Qilleensaa mootummaa Ostiriyaa waliin mallattaa’e raggaasisuuf dhiyeeterratti mari’ateera.
Waliigaltichi ragga’uun hariiroo waloo biyyoota lamaan caalmaatti kan cimsu, Daandilee qilleensaaf carraa gabaa dabalataa kan uumuu, Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa kan jajjabeessu, Daldala Alaa kan deeggaru, Tuurizimii babal’isuu, carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu isaan wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.