Manni Maree Ministirootaa Murtoowwan Garagaraa Dabarse

Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018(FMC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 49ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan manni marichaa Komishinii Anniisaa Niwukilaraa hundeessuuf dambii ba’erratti mari’ateera.

Komishinichi teeknooloojii Niwukilaraa karaa nagaan, hammattoowwan idil addunyaa waliin haala walsimeen waliin gahiinsa humna elektirikii, misooma indaastirii, wabii nyaataa fi tajaajila fayyaa, dameewwan saayinsii fi qo’annoo keessatti fayyadamuuf tattaffii taasistu hogganuu fi qindeessuun itti gaafatama akka qabaatuuf dambichii qophaa’uun eerameera.

Dhimmicharrattis erga mari’ateen booda dambichi Gaazexaa Nagaariit irratti guyyaa maxxanfamee ba’ee eeagale akka hojiirra oolu sagalee guutuun raggaasiseera.

Dabalataan manni marichaa kaffaltii tajaajilaa Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Bishaan Itiyoophiyaa kaffalchiisu murteessuuf dambii ba’erratti mari’ateera.

Dhaabbatichi tajaajila qo’annoo, ce’umsa teeknooloojii, leenjii gochaarratti hundaa’ee fi gorsa akkasumas tajaajila laabiraatoorii ispeeshaalaayizdii kennu gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuun, baasii isaa guutumaatti uwwisuun galii keessoo isaa guddisuuf dambiin kaffaltii tajaajilaa qophaa’uun dhiyaachuun ibsameera.

Haaluma kanaan manni marichaas dhimmicharratti bal’inaan erga mari’ateen booda Dambichi Gaazexaa Nagaariit irratti guyyaa maxxanfamee ba’ee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Kana malees, manni maricha dambii Waajjira Deebii Kennaa Balaa Sodaa hundeessuu fi hamma galii Fandii walitti qabamu murteessuuf baheeraratti mari’ateera.

Dhimmicharratti bal’inaan erga mari’atee booda guyyaa Gaazeexaa Nagaariitirratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment