Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC)- Manni Maree Naannoo Amaaraa Yaa’ii idilee 9ffaa bara hojii 5ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera.
Afyaa’iin Mana Marichaa Faantuu Tasfaayee akka jedhanitti, ijaarsi nageenyaa naannicha keessatti mul’achaa jiru itti fufu qaba.
Guddinni waaraa akka biyyaa fi naannichaatti galmaa’aa jiru abdii lammiilee kan guddisee fi fayyadamummaa isaanii kan mirkaneessedha jedhan.
Pirojektoonni mootummaan eegalaman bu’aa qabeessumman akka raawwatamaniif ummanni itti gaafatamummaa isaa bahachaa jira jedhan.
Naannichatti waliigalteen nageenyaa Mootummaa fi hidhattoota gidduutti taasifameen fedhii nageenyaa uummata naannichaaf abdii kan hore ta’uu kaasaniiru.
Filannoon biyyaaleessaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi dimookiraatawaa akka ta’uuf hundi gahee isaa akka bahatu gaafataniiru.
Yaa’ichaan labsiiwwan garaagaraa fi mudamoonni kan ragga’an ta’uun ibsameera.
Dassaalanyi Biraarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.