Manni Maree Naannoo Somaalee baajata Birrii biiliyoona 65.7 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) – Manni Maree Naannoo Somaalee baajata bara 2018 Birrii biiliyoona 65.7 raggaasise.

Manni marichaa wixinee baajata naannichaa bara 2018 irratti mari’atee raggaasiseera.

Baajata raggaasifame keessaa birrii biiliyoonni 36.9 waajjiraalee damee naannichaaf, birrii biiliyoonni 27.4 ammoo anaaleef, bulchiinsa magaalotaa fi manneen qopheessqaf ramadameera.

Birriin biiliyoona 1.4 hafe ammoo galmoota misooma itti fufiinsa qabuuf kan oolu ta’uu mootummaan naannichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.

Baajanni kun baajata bara 2017 irraa dhibbeentaa 62n kan caalu dha.

Dhibbeentaan 50 galii naannichatti sassaabamu irraa kan argamu yoo ta’u, dhibbeentaan 50 kan hafe deeggarsa mootummaa federaalaa fi gargaarsa biyya alaa irraa kan argamu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment