Manni Maree Waloo paartiilee siyaasaa Naannoo Amaaraa waltajjii marii magaalaa Baahir Daaritti gaggeessaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Manni Maree Waloo paartiilee siyaasaa Naannoo Amaaraa waltajjii marii magaalaa baaguirdaaritti gaggeessaa jira

Waltajjicharratti Pirezidaantii itti aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Pirezidaantii Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa obbo Yirgaa Sisaayi fi qondaaltoonni olaanoo mana Maree waloo Paartiilee siyaasaa fi kanneen biroo argamaniiru.

Waltajjicharratti obbo Adam Faaraah haasawaa taasisaniin, Sirna siyaasaa ammayyeessuun morkii fi tumsa giddu maadala eeguun barbacahiisaadha jedhan.

Morkiin bu’a qabeessii fi fayyaleessi haala siyaasaa fayyaleessarraa kan maddu ta’uu ibsuun, paartiileen hammattoo heera mootummaatti fayyadamuun socho’uu akka qaban ibsaniiru.

Morkiin fayyaleessi akka jiraatuuf paartiileen siyaasaa gahee isaanii bahachuu akka danda’aniifi ajadaalee fedhii ummataa bu’uureeffatan qabatanii akka hojjetan akkasumas seeraa fi qajeelfama hordofuun akka irra eeggamu obbo Adam kaasaniiru,.

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa gamasaaniin, waltajjiin marii paartiilee siyaasaa giddutti gaggeeffamu shaakalliin ijaarsa sirna diimookiraasii akka babal’atuu fi sirni diimookiraasii cimaan akka guddatu taasisa jedhan.

Dassaalanyi Biraarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment