Finfinnee, Caamsaa 26, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 33ffaa har’a taa’een labsiiwwan adda addaa raggaasiseera.
Labsiiwwan waliigaltee liqaa 2 dabalatee labsii dhabamsiisaa fi qabiinsa balfaa raggaasiseera.
Waliigaltee Liqaa Itiyoophiyaa fi Baankii Arabaatti misooma Diinagdee Afrikaaf gidduutti mallattaa’e, akkasumas waliigaltee Liqaa Itiyoophiyaa fi Waldaa Misooma Idil Addunyaa gidduutti godhame ilaalchisee Mana marichaatti waamamaa olaanaan mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen ibsa erga kennanii booda manni marichaa labsii dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.
Labsiin dhabamsiisaa fi qabiinsa balfaa kun labsii lakkoofsa 1383/2017 jedhamuun ragga’eera.
Iyyoonaadab Andu’aalmetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia