Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Manni Maree bakka Bu’oota Ummataa haasawaa Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Sirna Baniinsaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinirratti taasisaan ilaalchisee mooshinii deeggarsaa dhiyaate raggaasise.
Walga’iin idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa, waggaa 6ffaa Manni Maree bakka Bu’oota Ummataa har’a gaggeeffameera.
Walga’ii kanarrattii Miseensonni Mana Marichaa gaaffilee garaagaraa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad akka ibsaa fi deebii kennaniif dhiyeessaniiru.
Dooktar Abiy Ahimadis argamuun gaaffilee miseensota mana maricharraa ka’aniifi deebii fi ibsa bal’aa kennaniiru.
Dhumarratti haasawaa Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Sirna Baniinsaa Mana Maree lameen irratti taasisaan ilaalchisee mooshinii deeggarsaa akka raggaa’uuf dhiyaateera.
Haalaa kanaan mooshini dhiyaate Murtee lakkoofsa 1/2018 ta’ee sagalee caalmaan raggaasseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.