Manni Marichaa walga’ii idilee16ffaa bara Hojii 4ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Amajjii 15,2017 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 16ffaa Bara hojii 4ffaa gaggeessuu eegaleera.
Manni marichaa walga’ii isaan Dhaabbata Abba gaar uummataaf Abbagaar olaanaa, Abbagaar Itti aanaa fi abbagaariwwan dameelee kaadhimamummaan kanneen dhiyaatan qoratee ni mirkaneessa jedhamee eegama.
Akkasumas wixinee labsiiwwan Qabiyyee lafa magaalaa fi galmeelee qabeenyawwan lafaan walqabatan, kan qabiyyee liizii lafa magaalaa fi kan barnoota waliigalaan walqabatan ni raggaasisa jedhamee eegama.
Dabalataanis gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa bara 2017 Ministeera Indaastirii kan dhaggeeffatu ta’uun ibsameera.
Yeshaambal Mihiratitu gabaase.
Comments (0)
Add Comment