Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) — Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa guddinaafi ulfina Itiyoophiyaa irra deebi’ee kan mul’ise injifannoo guddaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan.
Obbo Mahaammad Idiriis, rakkoolee bu’uuraa biyyaalessaa waggoota dheeraaf turan karaa nagaafi marii sirnaawaan furuuf adeemsi marii biyyaalessaa jalqabame milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisee, uummata Itiyoophiyaa maraaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin, adeemsi seena qabeessi kun nagaan, amanamummaan, itti gaafatamummaa olaanaafi safuu Itiyoophiyaanotaan xumuramuu isaa dinqisiifataniiru.
Biyya ceesisuuf ogummaan mari’achuun, dhaloota walitti fiduun, “Adwaa” biraa hojjechuun dhalootatti dabarsuun carraa guddaa ta’uu eeranii, kunis bu’uura kabajaa fi ulfinaan jiraachuu cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa kun injifannoo uummataa, guddummaa Itiyoophiyaa, dandeetti rakkoo ofii ofiin furuu fi tokkummaa kaayyoo Itiyoophiyaan qabdu addunyaatti irra deebiin kan agarsiise ta’uu dubbataniiru.
Bu’uuruma marii biyyaalessaa keessatti waliigaltee irra ga’ameefi firiiwwan nageenyaa argaman kunuunsuufi eeguuf itti gaafatamummaa waloo jiraattota biyyattii hundaa ta’uu ibsaniiru.
Dhumarrattis, Itiyoophiyaanonni hundi waliin ta’uun Itiyoophiyaa boruu cimtuu, badhaatuufi nageenyi ishee karaa guutuun mirkanaa’e ijaaruuf bu’uura cimaa akka kaa’an waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia