Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa, marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaan hawaasaa akka guddatuuf dargaggoonni gahee isaanii bahachaa jiru jedhan.
Waltajjiin marii mata duree “ Itiyoophiyaatti Hirmaannaa Dargaggootaa Marii Biyyaalessaa Bu’aa Qabeessaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Piroofeesar Masfin Ar’aayaan waltajjicharratti akka jedhanitti, rakkooleefi waldhabdeewwan furuuf mariiwwan komishinichi gaggeessaa jiru akka milkaa’uuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha.
Gama Kanaan dargaggoonni adeemsa ajandaa sassaabuu keessatti gahee olaanaa bahachaa turuu yaadachiisaniiru.
Waldhabdeewwan yeroo garaagaraatti uumaman keessatti irra jireessaan dargaggoonni miidhamoo akka ta’an kaasanii, dargaggoonni seenaa kana jijjiiruun nageenyiifi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf hunda dura hiriiruun gaheesaanii akka bahatan hubachiisan.
Dargaggoonni adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hin hirmaannes akka hirmaatan gaafatameera.
Heebroon Waaltaawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.