Finfinnee, Hagayya 16, 2018 – Pirezidaantiin Taayyee Atsiqe-Sillaasee sirna xumuraa Marii Biyyaalessaa irratti akka jedhanitti, kaayyoon marichaa wabii siyaasaa yeroo gabaabaa argachuu osoo hin taane, guddina biyyaaf kan oolu tarkaanfii cimaa fi karaa itti fufiinsa qabu diriirsuu dha.
Akka isaan ibsanitti, wanti Itiyoophiyaanota adda taasisu, yeroo rakkooleen jiraachuu fi birmadummaa biyyaa qoran mudatan, biyya tiksuu fi mari’achuun biyya cimsuu danda’uu dha.
Kaayyoon marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa giddugaleessa godhachuun, yaadawwan biyya ceesisuu fi biyya cimsuu danda’an irratti mari’achuudha.
Adeemsi kun fedhii, mul’ataa fi egeree waloo Itiyoophiyaa ijaaruuf carraa gaarii uumeera.
Marii kana keessatti ilaalchawwan wal faallaa ykn dorgomaa ta’an irraa yaada fooyya’aa maddisiisuun, garaagarummaa jiru faayidaa waloof oolchuun, akkasumas yaada haaraa dhaloota itti aanuuf bu’uura ta’u uumuun danda’ameera.
Pirezidaantiin Taayyee odeeffannoo sobaa waa’ee Itoophiyaa tamsa’an ilaalchisee, odeeffannoon akkanaa haala dhugaa biyyatti akka hin ibsine hubachiisaniiru.
Ibsi Itiyoophiyaa fi fedhiiwwan biyyaalessaa waliin hin deemne tokko tokko kan dhufan namoota yaadaa fi mul’ata alagaa hordofan irraa malee, fedhii dhugaa Itiyoophiyaanotaa irraa akka hin maddine ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, karaan Itiyoophiyaa gara fuulduraatti deemu karaa lakkuu osoo hin taane, karaa guddinaa fi tokkummaa ifaa, bal’aa fi cimaa ta’uu qaba.
Bu’uurri kunis Itiyoophiyaan qabeenya seenaa, aadaa, beekumsa fi dhugaa dhaloota hedduu walitti kuustee qabaachuu ishee irraa kan madduudha jedhan.
Yeroo rakkoon mudatu, waliin ta’uun diina dura dhaabbachuu kan dandeenyu seenaa fi qaroomina biyya keenyaa irraa kan madde dha jechuunis ibsan.
Biyyattiin waliigaltee siyaasaa qofaan akka hin ijaaramne kan dubbatan pirezidaanti Taayyeen; hariiroo hawaasummaa, wal hubachuu fi wal deeggaruunis barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru
Dhumarrattis, adeemsa marii biyyaalessaa keessatti Itiyoophiyaanonni mari’achuu akka danda’an agarsiisaniiru jechuun ibsanii, “ Mari’annee biyya ni ijaarra; biyya ijaaraas ni mari’anna” jechuun cimsanii hubachiisaniiru .
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia