Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) — Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessite nageenya waaraa mirkaneessuun Afrikaaf fakkeenya ta’a jedhan Gamtaa Afrikaatti Ergamaan Addaa Dhimma Gaanfa Afrikaa, Oliiseguun Obaasaanjoo.
Waltajjiin marii biyyaalessaa, bakka mari’attoonni 4,000 ummata biyyattii bakka bu’uun hirmaatan, Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa ture. Sagantaan cufiinsa waltajjichaa gaggeeffamaa jira.
Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi Gamtaa Afrikaatti ergamaan addaa Dhimma Gaanfa Afrikaa Oliiseegun Obaasaanjoo, sagantaa cufiinsa Marii Biyyaalessaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, mariin biyyaalessaa kun Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa kun milkaa’inaan xumuramuu isaatiin baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Mariin hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e kun hojii Afrikaaf fakkeenya ta’uu danda’uudhas jedhan.
Itiyoophiyaanonni nageenya fiduuf marii fi walii-galtee uumuu filachuun isaanii hojii dinqisiisamaa ta’uu ibsanii, mariin yeroo hammamii fudhatus miidhaa walitti bu’iinsaa fi waraanaa fidu waliin yoo madaalamu, filannoo barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaatti nageenyi akka mirkanaa’u, misoomaa fi badhaadhinni akka dhugoomuuf bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu Oliiseegun Obaasaanjoo ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia