Mariin Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa furuurra darbee  tasgabbii Gaanfa Afrikaaf murteessadha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Mariin Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa furuurra darbee tasgabbii Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta’uun ibsame.

Yuunivarsiitii Wallaggaatti koonfiraansiin qorannoo biyyaalessaa mata duree “Afaan, Aadaa, Nageenyaa fi Misoomaan Dandamannaa Hawaasaa Cimsuu” jedhuun gageeffamaa jira.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Dooktar Yoonaas Adaayyeen, mariin biyyaalessaa rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa furuurra darbee tasgabii Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Wallaggaa Dooktar Tasfaayee Lammaa gamasaaniin, hawaasni rakkoowwan walxaaxoo yeroo ammaa addunyaa mudachaa jiran dandamataa akka ta’uuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment