Mariin Biyyaalessaa Seenessa waloo uumuun egeree Itiyoophiyaa ijaaruuf bu’uura kaa’eera- Mari’attoota

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC)- Yaa’iin Marii Biyyaalessaa garaagarummaa dhiphisuu fi Seenessa waloo uumuun egeree Itiyoophiyaa ijaaruun dhaloota dhufuuf dabarsuuf bu’uura kaa’eera jedhan hirmattoonni marichaa.

Hirmaattonni marichaa akka jedhanitti, yeroon biyyattiin walitti bu’iinsa keessaa fi wal jibbiinsa irraa kan ka’e gatii guddaa kaffalaa turte xumuramuu qaba.

Kanaaf, yaadota garaagarummaa cimsan dhiiphisuun, biyya keessatti waliin guddachuu dandeenyu ijaaruuf mariin kun gumaacha olaanaa taasiseera jedhan.

Kana malees, dhaloota dhufu giddugaleessa kan godhate, akkasumas yaadota biyya gara fuulduraatti itti fufsiisuu danda’an irratti bal’inaan mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Hirmaattonni yaa’ichaa dhimmoota murteessoo ijaarsa biyyaalessaa kanneen egeree Itiyoophiyaa murteessan, akkasumas nagaa fi diimokiraasii mirkaneessan irratti bilisaan mari’achuu eeraniiru.

Lammileen bakka garaagaraa irraa dhufan bakka tokko taa’anii mari’achuun rakkoolee furuun isaanii, dhaloonni dargaggootaa biyya isaa akkamitti itti fufsiisuu akka qabuuf bu’uura cimaa kaa’eera jechuun akeekan.

Comments (0)
Add Comment