Mariin Biyyaalessaa Siyaasni Itiyoophiyaa miira mormii keessaa ba’ee gara daandiindhiifamaatti akka deemu bu’uura kaa’e — Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) — Mariin biyyaalessaa haalli siyaasaa biyyattii miira walitti bu’iinsaa keessaa baa’ee gara daandii dhiifamaatti akka ce’uuf bu’uura kaa’uu Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Taayyee Atsiqe-Sillaasee ibsan.

Sirni xumuraa Yaa’ii marii biyyaalessaa, kan Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa ture, adeemsifamaa jira.

Pirezidaanti Taayyeen haasaa sirna xumuraa irratti dhiyeessanaiin akka jedhanitti, ciminni, ogummaan fi dandeettiin biyya tokkoo garaagarummaa jiru karaa qaroomaa ta’een mariidhaan furuudha.

Guyyaan har’aa hawwii waloo fi abdii gaarii biyyaaf bu’aa qabeessa, dhalootaafis faayidaa kan qabu, tokkummaan biyyattii cimuu kan mul’ise waan ta’eef guyyaa addaa ta’uu ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramuuf itti gaafatamummaa olaanaa fudhatanii gumaacha kan taasisan hoggantoota Komishinichaa, hojjettoota, hirmaattota marii fi qaamolee biroo hundaaf Pirezidaanti Taayyeen galata galchaniiru.

Hirmaattota yaa’ii marichaanis, “Marii keessaniin sagalee waloo keenya kan boru ilaaluuf nu dandeessisu waan mul’iftaniif isin galateeffanna,” jechuun ibsaniiru.

Yaadota Itiyoophiyaan guddinaa fi tarkaanfii fuulduraa akka qabaattuuf bu’uura ta’an dhugaa waloo godhanii fudhachuun yaada furmaataa qopheessuun dhiyeessuun milkaa’ina seena qabeessa ta’uu Pirezidaanti Taayyeen dubbataniiru.

Adeemsa marii kanaa keessatti, hojii har’aa qofaaf osoo hin taane, dhaloota dhufuufis kan darbu mallattoo seenaa qabu kaa’uu isaanii ibsanii, hirmaattota marii kanaa dinqisiifataniiru.

Pirezidaanti Taayyeen marii, aadaa durii Itiyoophiyaa ta’e, dhugoomsuuf kutannoo olaanaan hojjechaa turuu isaanii ibsuun, Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiifis galata galchaniiru.

Yaadotmi marii biyyaalessaa keessatti dhiyaatan bu’uura muuxannoo siyaasaa biyyattii fi ijaarsa biyyaatiif faayidaa olaanaa qabaachuu Pireezidaant Taayyeen cimsanii hubachiisaniiru.

Walgahiin marii biyyaalessaa kabajaa fi naamusa Itiyoophiyaa waliin xumurame, dhimmawwan biyyaalessaa irratti tasgabbiin mari’achuun furmaata waaraa fiduuf aadaa haaraa uumuusaa Pireezidaanti Taayyeen ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment