Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Walharkaa Fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa sababbeeffachuun mariin Paanaalii Mooraa Yuunivarsiitii Booranaatti gaggeeffamaa jira.
Marii kanarrattii anga’oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qaamoleen hawaasaa argamaniiru.
Qorannoon sirna Gadaa irratti ni dhiyaata jedhameera.
Dabalataan kitaabni sirna Gadaa irrattii xiyyeeffatu mataa dureen isaa ‘Qorqortii’ jedhamu ni eebbifama jedhame.
Kululaa Garbichaafi Asteer Geetahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia