Masaraan Mootummaa Biyyaalessaafi Paarkiin Tokkummaa hambaalee dhokatanii turan ifa baasan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017(FMC) – Masaraan Mootummaa Biyyaalessaafi Paarkiin Tokkummaa hambaaleefi eenyummaa Itiyoophiyaanotaa dhokatanii turan addunyaaf ifa baasan jedhan Jaarsoliin Biyyaa.

Abbotiin Amantaaleefi Jaarsoliin Biyyaa Paarkii Tokkummaafi Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa daawwataniiru.

Jaarsoliin biyyaa daawwannaa kanarratti yaada kennan, mootummaan hambaaleefi seenaa Itiyoophiyaa haaromsuun hojii boonsaa hojjeteera jedhan.

Hojiilee misoomaa dinqisiisoo dhalootaaf darban daawwachuus ibsaniiru.

Hojiin hojjetame hambaaleefi seenaa qaroominaa Itiyoophiyaa baroottaniif dhokatanii turan addunyaatti waan baaseef gammaduu ibsuun, aadaafi hambaalee sabaafi sablammoota hundaa hammachuun isaanii ammoo mallattoo tokkummaa biyyaalessaa isaan taasisa jedhan.

Magaalaan Finfinnee miidhagduufi qulqullooftuu taatee arguutti dinqisiifannaa qaban ibsachuun, hojiilee misoomaa dinqisiisoo daawwachuu dubbataniiru.

Hojiin misoomaafi eegumsa hambaalee cimee itti fufuu akka qabu ibsuu isaaniis TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment