Masoob Tajaajilli Giddugala tokkoo ce’umsa Diingadee diijitaalaa Itiyoophiyaaf tarkaanfii guddaadha jedhame

Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Masoob Tajaajilli Giddugala tokkoo ce’umsa Diingadee diijitaalaa Itiyoophiyaaf tarkaanfii guddaa ta’uu Ministiroonni ibsan.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa, Ministirri Haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee fi Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Masoob Tajaajila Giddugala tokkoo ilaalchisee ibsa kennaniin, giddugalichi tajaajila hojii mootummaa haalaan si’ataa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Tajaajilamtootaaf tajaajila qindoomaa kennuuf kan dandeessusu hojii bu’aa guddaa qabu akka ta’e eeruun, giddugalichi gurmaa’uun hojii eegaluun jijjiirama fiduuf yaadame milkeessuuf murteessaa ta’uu ministiroonni kunneen eetaniiru.

Ce’umsa diinagdee Diijitaalaa Itiyoophiyaaf tarkaanfii guddaa ta’uu kaasuun, hanqina tajaajilaa dhaabbilee mootummaa keessa turan furuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Dhaabbata guddaa teeknooloojii ammaayyaa hidhatee jedhan.

Hojiileen sirnaan hogganamnaan dhaabbata jijjiirama jabaa galmeessuu danda’u akka ta’e himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment