Meeshaa waraanaan mari’achuun kana booda Itiyoophiyaa keessatti Seenaa qofa – Piroofeesar Masfin Ar’aayaa

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) – Meeshaa waraanaan mari’achuun kana booda Itiyoophiyaa keessatti Seenaa qofa ta’ee hafa jedhan Komishinarri Olaanaan Komishini Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.

Mariin Biyyaalessaa guutuu biyyattii irraa bakka bu’uun, hirmaattota kuma 4000 ta’an gidduutti, Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa tureera.

Sagantaan cufiinsa Yaa’ii Marii Biyyaalessa gaggeeffamaa jira.

Komishinarichi ergaa dabarsaniin, miseensonni waltajjichaa guyyoota 46’n darban keessatti Itiyoophiyaa ajandaa isaanii taasifachuun hirmaannaa fi carraaqqii godhaniif galateffataniiru.

Hirmaattonni yeroo marii darbe keessatti jaalala, kabajaa fi waliif yaaduu agarsiisan kun amala addaa Itiyoophiyaanotaa ta’uu isaa addunyaaf agarsiisaniiru jedhan.

Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni yeroo waliin mari’atan, walii galtee uumanii fi waliin irratti mari’atan bu’aa gaarii fiduu akka danda’an barsiisee darbuu isaa ibsaniiru.

Muuxannoon kun Itiyoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane, Afrikaa fi addunyaafis fakkeenya gaarii ta’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan meeshaa waraanaa fayyadamuun mari’achuun kana booda Itiyoophiyaa keessatti seenaa qofa ta’ee hafeera jedhan Piroofesar Masfin.

Abeel Niwaayiin.

Comments (0)
Add Comment