Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC)- Hordoffii Hagayya 14-20, 2018’tti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 39 olitti tilmaamaman to’atamaniiru jedhe Komishiniin Gumruukaa.
Meeshaaleen kunneenis jijjiirraa qaama konkolaataa, uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, oomishaalee qonnaa, jimaa, meeshaalee faayaa, baala sammuu nama hadoochu, qorichoota, albuudota, boba’aafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eereera.
Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen tumsa hojjettoota komishinichaa, Poolisii Federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasaan to’atamuus ibseera.
Shakkamtoonni 25 fi konkolaattonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 17 to’atamuus ragaan Komishinicha irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia