Michummaan Afrikaa fi Awurooppaa gidduu jiru badhaadhina waloo irratti kan hundaa’e ta’uu qaba – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Michummaan Afrikaa fi Awurooppaa gidduu jiru badhaadhina waloo irratti kan hundaa’e ta’uu qaba jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Yaa’ii Xaaliyaanii-Afrikaa irratti ergaa dabarsaniin, tumsaan hariiroo Awurooppaa Afrikaa bocuun akka danda’amu ibsan.

Tumsichi hirkattummaan osoo hintaane, walkabajaa fi badhaadhina waloo irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

karoorri ”MATI” Xaaliyaanii nageenya Inarjii, misooma waaraa, bulchiinsa godaansaa fi bu’aa waloo irratti akka xiyyeeffatu dubbataniiru.

Qaama mul’ata kanaa kan taate Itiyoophiyaan waadaa irraa gara gochaatti jijjiiramuuf murannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaan gama Afrikaa addunyaa waliin quunnamsiisuun hojii hedduu hojjechuu ishee kaasanii, aviyeeshinii, loojistiksii fi konfiransoota idil addunyaa qopheessuun sagaleen Ardittii akka dhaga’amuuf hojjechaa jirti jedhan.

Cimina guddaa Afrikaa kan ta’e kutaan hawaasaa, dargaggeessi dameewwan tekinooloojii dijiitaalaa fi hubannaa namtolchee irratti bobba’uun carraa hojii uumuu fi gufuuwwan gara fuula duraa furuuf furtuu akka ta’e eeraniiru.

Karoorri ”MATI” faayya’iinsa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaa hojiirra oolchaa jirtu, qabeenya qilleensaa, qonna ismaartii, misooma bu’uuraa, ce’umsa dijiitaalaa fi misooma kaappitaalaa humna namaan kan wal simu ta’uu eeraniiru.

Michummaan Afrikaa fi Awurooppaa gidduu jiru badhaadhina waloo fiduu akka danda’u kaasanii, tumsa Afrikaa fi Xaaliyaanii gidduu jiru cimsuuf kutannoo Itiyoophiyaan qabdu mirkaneessaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment