Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC)- Miidhaa dubartootaa fi daa’imman irraa ga’uu hambisuuf itti gaafatamummaa mirkaneessuun akka barbaachisuu Afyaa’ii Ittaantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon ibsan.
Mariin miidhaa dubartootaa fi daa’immanii maqsuu irratti xiyyeeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Aadde Loomii Badhoon akka jedhanitti, miidhaa daa’immanii fi dubartootarra ga’u qolachuun dhimma dubartootaa qofa waan hintaheef, qindoomminni qaamolee dhimmichi ilaallatuu cimee itti fufuu qaba.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan gama isaaniin rakkoolee dubartootaa fi daa’immanirra ga’u bu’uurarraa furuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Gochaalee suukanneessaa daa’imman irratti raawwatamu walxaxaa fi hammaataa waan dhufeef, rakkoo kanaaf sagalee ta’uun gaafatama seeraa mirkaneessuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Qaamoleen seeraas murtii haqa qabeessa kennuun haqa miidhamtoota baasuuf dirqamasaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa damee hedduurratti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.
Midhaan dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu heddummaachaa jiraachuus eeraniiru.
Dhimmichis hubannoo dhabuu, dagannaa fi ofitummaan kan mudataa jiran ta’uu himanii,, qaamolee yakkicha raawwatanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jirus gahaa akka hintaane akeekan.
Kanaafis qaamolee hunduu xiyyeeffannaan, haqa qabeessummaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.
Waltajjii marichaarratti dubartoonni miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Miseensoota Caffee Oromiyaa hirmaataniiru.
Bahaayiluu Baanee fi Daagmaawii Daksiisaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia