Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Qublamee, kinchirree, Kiniinii Garaa, Qashaa /Aarqeen Aadaa miidhaa moo faayidaa isheetu caala?
Araqeen Aadaa miidhaan hawwasummaa, diinagdee fi fayyaa fidu maali? Bu’aan isaa hoo?
Araqeen Aadaa alkoolii mala aadaan qophaa’uu fi hawaasni hedduun itti fayyadamuudha.
Araqeen aadaa kun hamma Alkoolii daran olaanaa ta’e qaba jedhama.
Hawaasni Araqee aadaa kana maqaa adda addaan waama.
Qublamee, kinchirree, Kiniinii Garaa, Qashaa, Qicimee, haadha malaa fi Ibiddoo jechuun waamu.
Qoricha ciniinnaa garaa, garaa kaasaa, utaalloo, qorraa fi si’eessituu gita hin qabne jechuun leellisu hawaasni.
Bakka tokko tokkotti Araqeen sirbu, ittiin dhaadatu, keenya sanyiin ibdaa Araqee leetiroon hiddaa jedhu.
Namni Araqee baay’inaan dhugu nama jabaa fi cimaa akka ta’eetti ilaalu.
Wayita sirnaa, ayyaana waggaa, bashannanaa fi keessummaan yoo namatti dhufe dhugaatii dhiyaatan keessaa Araqeen aadaa isa hangafa.
Hawaasni baadiyaa fi magaalaa dhugaatii aadaa kana qopheessuun dhimmaa diinagdee fi hawaasummaaf itti fayyadamu.
Sadarkaa nama dhuunfaa hanga gabaa guddaatti madda galii ta’uun tajaajilaa jira.
Haa ta’uutii dhugaatiin Aadaa kun faayidaa/miidhaa fayyaa, hawaasummaa fi diinagdee akkamii qaba wanti jedhu sirnaan qoratamee hin beekamne.
Araqeen aadaa qoricha hunda galeessa jedhu hawaasni.
Hangam yoo dhugama qorichaa? Hangamii oltu miidhaa qaba jedhamee qorannoon adda bahuu baatus hammaa ol yoo dhugame miidhaa akka qaqqabsiisu tilmaamuun nama hin dhibu.
Baay’ina keessa Dammillee ni hadhaawa jedhama mitiiree.
Addunyaa keessatti namoonni hedduun dhugaatii alkoolii garmalee ni dhuguu.
Namoonni tokko tokko dhugaatii kana kan dhugan miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamuufi.
Warri kaanimmoo rakkina isaanii irraanfachuuf dhugu.
Naannoo tokko tokkotti dhugaatii garmalee dhuguun mallattoo qaroominaa ykn dhiirummaa akka taʼetti ilaalama.
Alkooliin wantoota dhalli namaa fayyadamuu fi dhibee adda addaa hedduu namarraan gahuu/namarraa ittisan keessaa hangafa yoo ta’u, qaama namaa kamiyyuu caalaatti kan inni hubu immoo tiruudha.
Dhugaatiin alkoolii kun miidhaa inni tiruu namarraan ga’u haguma baay’isanii dhuganii fi turtii yeroo hagamiif akka dhugan irratti hundaa’a jedhu ogeeyyiin yaala fayyaa.
Alkoolii haga danda’ametti dhuguu dhiisuu, yookaa yeroo mara dhuguu dhiisuu fi akkasumas xiqqeessanii dhuguun fayyaa tiruu keenyaaf gumaacha olaanaa qaba.
Itiyoophiyaatti midhaan Araqee baasuuf oolu faayidaa inni wabii nyaataa mirkaneessuu fi bu’aa Araqeen qabuun yoo madaalame kamtu caala kan jedhu wanti beekamu hin jiru.
Kan daangaa ol dhugee machaa’ee kufee harkaa fi miilaa cabe, ijji badde, maatii ofii tasgabbii dhorke, ollaa fi hiriyaan wal dhabe, kan bultii isaa diige manni yaa lakkaa’u.
Kan dhibee Tiruu, Kalee fi kanneen biroof saaxilame, kan dhukkubsatee mana ciisuun maatiitti ba’aa ta’e, dhukkuboota sababa kanaan dhufan yaaluuf biyyi gatii meeqa kaffalte?
Oromiyaatti Godinaaleen Arsii fi Shawaan bakka Araqeen hedduminaan itti oomishamuudha.
Midhaan Qamadii, Bishingaa, Boqqoolloo fi Garbuun, akkasumas Biqilaa fi Geeshoon galteewwan Araqee baasuuf oolaniddha.
Garuu Araqee Litira tokko argachuuf midhaan fayyadamni, Biqilaa fi Geeshoo, akkasumas Qoraanii fi human namaa itti baasnuun yoo madaalame bu’aa qabeessummaan isaa hunda keenyaaf wanta gaaffii ta’uu qabuudha.
Namoonni Araqee baasurratti bobba’an jijjiiramni jireenya isaanirratti argamsiisanii fi miidhaan hawaasummaa, Diinagdee fi Fayyaa isaanirra qaqqabu yoo madaalame fayyadamaadha moo miidhamoodha kan jedhus gaaffii nama hundaa ta’uu qaba.
Namoonni Araqee Aadaa baasurratti bobba’an tokko tokko akka himanitti, gatiin midhaanii, Biqilaa, Geeshoo, Qoraanii fi humna namaa akkasumas galteewwan Araqee baasuuf oolan ittiin bitamuu fi maallaqni araqicha gurguruun argamu wal hin maadaalu.
Midhaan Araqeef oolu qopheessuu hanga tolchuu, biqilaa biqilchuu hanga daaksisuu yookaa tumuu, Geeshoo gogsuu hanga tumuu/ daaksisuu,qoraan filaxuu dabalatee aaraa fi hoo’a hamaa keessatti dhamaatii isaanii yoo madaalame bu’aan argamu hangam akka ta’e xinxaaluun nama hin rakkisu.
Namoonni hojii Araqee baasurratti bobba’an hedduu ta’anis kanneen jireenyi isaanii jijjiirame garuu daran muraasa jedhan kutaaleen hawaasaa yaada isaanii Faanaa Diijitaaliif kennan tokko tokko.
Jireenyi namoota kunneenii harkaa afaan ta’uu himan.
Yeroo ammaa kana ammoo wanti daran sodaachisaa ta’e bifa Araqee miidhaksuuf jecha wantoota farra fayyaa namaa ta’an itti dabaluun baramaa dhufuu isaati jedhu.
Araqeen kololtuu yookaa oomocha baay’atu bareeda jedhamee yaadama. kanaaf keemikaaloonni kanaaf oolaan itti dabalamu jechuun ibsu.
Geeshoo eebicha waliin, Biqilaa Ingirdaada waliin makuun Araqeef fayyadamuun dur illee jiraatus kan amma baramaa dhufe garuu keemikaaloota fayyaa namaaf daran farra ta’aniidha jedhu.
Hojiin Araqee baasuu namoota hedduuf jireenya ta’us, miidhaan inni qaqqabsiisu garuu nama dhuunfarra darbee biyyaaf balaa ta’aa jira jedhan namoonni kunneen.
Ogeeyyiin yaala fayyaa hoo maal jedhu yeroo itti aanu qabannee kan dhiyaannu ta’a nu eegaa?
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia