Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC) – Miidhaan Dubartootaarra gahu dubartoonni dandeettii isaanii guutuu akka hin fayyadamne taasisuun guddina biyyaa danqa jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen
Sagantaan cuufinsaa sosochii guyyaa Riivaanii Adii gaggeeffameera.
Saganticharratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ministir Deetoonni, Hoggantoonni Biiroolee Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannoolee, Abbootiin Amantaalee, Dhaabbileen Tumsitootaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen saganticharratti argamuun haasawaa taasisaniin, biyyoonni guddinni isaanii kan maadalamu dubartoonni fi Daa’imman kabajuuni jedhan.
Miidhaan koorniyaa seeraa fi namooma sirnaan hubachuu dhabuurra kan maddu ta’uu dubbatan.
Keessattuu haleellan Dubartootaa fi Daa’imman irra gahuu guddinaa fi misooma biyyarratti miidha olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Dhaabbiilèen haqa halleella dubartootaafi Daa’imman irra hambisuuf Mootummaan murannoon hojjechaa jira jedhan
.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gamasaaniin, miidhaan Dubartootarra gahuu akka hir’atuuf hundi gahee isaa akka bahatu gaafataniiru.
Miidhaa Koorniyaarratti xiyyeeffate ittisuuf ministeerichi hojiilee garaagaraa hojjechuu ibsaniiru.
Ministeerichi miidhaan uumamaafi namtolchee daa’mmaniifi dubartootarra qaqqabu dandamachiisuufi giddugaloota hundeessuun deeggarsa garaagaraa gochaa jiraachuu kaasan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.