Miidiyaalee dhugaa bu’uureffachuun hanqina jiru mul’isuuf hojjetan deggeruuf qophii dha

Finfinnee, Waxabajjii 17 2017(FMC) – Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad mootummaan miidiyaalee dhugaa bu’uureffachuun hanqina jiru mul’isuuf hojjetan deggeruuf yeroo kamuu qophaa’aa ta’uu ibsan.

Dooktar Abiy kan kan dubbatan marii ogeeyyii miidiyaa waliin geggeessan irratti.

Maree kana irratti miidiyaaleen bilisaan akka hojjetaniif hanqinni bu’uuraalee misoomaa fi galteewwan adda addaa gufuu ta’uu hirmaattota irraa gaaffileen dhiyaataniiru.

Gaaffilee kanneeniif deebii kan kennan Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad, miidiyaaleen walitti dhufuun humna isaanii cimsatanii of danda’uuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Miidiyaaleen kunneen odeeffannoo argatan qofaaf gabaasuu akka hinqabne kan kaasan dooktar Abiy, dhugaa odeeffannoo argame duuba jiru sakatta’uun madaalanii dhiyeessuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan miidiyaalee dhugaa irratti hundaa’uun jijjiirama qabatamaan jiruu fi hanqinaalee jiran walbira qabuun akka sirrataniif karaa madaalawaa ta’een dhiyeessan deggeruuf mootummaan qohaa’aa ta’uu ibsaniiru.

Deggersa maallaqaa irraa eegalee seera miidiyaa miijataa ta’e baasuu fi leenjii adda addaa miijessuun deggeruuf mootummaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment