Miidiyaaleen bilisummaa qabanitti fayyadamuun gabaasa faayidaa biyyaalessaaf dursa kenne hojjechuu qabu_ Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2017 (FMC)_ Mootummaan jijjiiramaa miidiyaaleef bilisummaa barbaachiisu kenneera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii isa xumuraafi kutaa 4ffaan bilisummaa Miidiyaalee ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanin, Miidiyaan akka ibiddaatti kan jedhan yoo ta’uu, ni ballessaas ni misoomsaas, akkuma haaduu waan gaariif akkasumas badaaf oolu danda’a jedhan.
Miidiyaalee kaayyoo gaariif yoo olchine bu’aan isaa olaanaa kan jedhan Dooktar Abiy fallaa isaa badiif yoo fayyadamnees balaa guddaa kan qaqqabsisuu ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan jijjiiramaa bilisummaa Miidiyaaleef kenneen Itiyoophiyaatti buufataaleen Teeleevizhinii haaraan afaanoota 60 oliin tamsa’aa jiru jedhan.
Addunyarraa miidiyaan walaba ta’e kan hin jirre ta’uu ibsuun, miidiyaalee Itiyoophiyaatti argaman tokko tokko fedhii dhuunfaa isaanii milkeessuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Kanneen akkanaa odeeffannoo sobaa tamsaasuun ummata dogogorsuu wayita yaalan mul’atu jedhan.
Haa ta’uu malee hubannoo uumameen odeeffannoo sobaa kara mijatuun qulqulleessuun deebii kennuun eegalamuus dubbataniiru.
Miidiyaalee keessa adeemsi sirrii hin taane jiraatuus shaakala Dimookiraasii cimsuuf Mootummaan gara bal’inaan ilaalaa turuu kaasaniiru.
Miikiyaas Ayyaalatu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment