Miidiyaaleen guddina biyyaa mirkaneessuu fi mul’ata biyyaa dhugoomsuuf haqaan hojjechuu qabu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC) – Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa giddugaleessa godhachuun galma guddinaa Itiyoophiyaan qabatte dhugoomsuuf ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Maree ogeeyyii miidiyaalee mootummaa fi dhuunfaa garaagraa waliin mari’atan irratti gaaffilee dhiyaataniif deebii kennaniiru.

Waltajjicha irratti Dooktar Abiy akka ibsanitti, miidiyaaleen biyyatti keessa jiran faayidaan biyyaalessaa akka kabajamuuf galmi guddinaa biyyattiin qabatte akka dhugoomuuf ga’ee irraa eegamu ba’uu qabu.

Ga’ee kana akka ba’ataniifis kan yeroo kamuu caalaa walabummaan akka hojjetaniif haalli miijataan uumammuus dubbatanii, mirga kana seeraan fayyadamuu irratti garuu hanqinaaleen ballinaan akka mul’atan kaasaniiru.

Barootaaf biyya miidiyaaf cufamtee turte keessatti walabummaan miidiyaaf yoo banamu akkaataa barbaadamuun itti fayyadamuu irratti hanqinaaleen ogummaa fi naamusaa mudachuu ibsaniru.

Odeeffannoo biyya ijaaruu fi tokkummaa biyyaaf gargaaru karaa madaalawaa ta’een dhiyeessuu irra waan hin uumamin uumame jechuun biyya diiguuf kan hojjetan Jjiraachuus ifatti himan.

Maalummaa ogummichaa utuu hinhubatin fi ogummichas utuu hinqabaatin hojjechuun rakkoo kanaaf sababa ta’uus eeran.

Kanaafis jedhan miidiyaaleen daandii dogoggoraa irraa deebi’anii odeeffannoo dhugaa fi qabatamaa ta’e uummataaf dhiyeessuun imala biyya badhaatuu ijaaruuf eegalame deggeruu akka qaban hubachiisan.

Ammas taanaan mootummaan miidiyaalee babal’isuuf akka hojjetu eeranii kunis yaadama Ida’amuu keessatti sirriitti ibsamuu dubbataniiru.

Miidiyaaleen ga’ee isaanii kana sirriitti akka hinba’anneef rakkoolee gufuu itti ta’an maqsuufis mootummaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment