Miidiyaaleen idil-addunyaa waa’ee Hidha Guddicha Haaromsaa maal jedhan?

Finfinnee, Qaammee 4, 2017 (FMC) – Ibsituu sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan ta’e Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuramee eebbaaf ga’uun isaa xiyyeeffannaa dhaabbilee miidiyaa idil addunyyaa hawwateera.

BBC’n “Kabaja Itiyoophiyaa” jechuun kan ibse Hidhi Guddichi Haaromsaa ifaan eebbifamuu isaa gabaaseera.

“France 24” ammoo,“Itiyoophiyaan Hidha Guddaa miiliyoonota humna elektirikiin fayyadu ijaartee xumurte” jechuun gabaase.

“Itiyoophiyaan Hidha Afrikaatti isa guddaa ta’e, humna elektirikii miiliyoonotaan ga’uu ishee dandeessisu eebisiiste” jechuun kan gabaase ammoo Rooyitarsi.

“Asociated Press” gama isaan “Hidhi Afirikaatti isa guddaa ta’ee fi Itiyoophiyaanonni abdatan ijaaramee xumurame” jechuun gabaase.

“Daily Nation” eebbifamuu hidhichaa ilaalchisee gabaasa baasen Hidha Haaromsaa “Kennaa bara Haaraa Itiyoophiyaanotaa” jechuun ibseera.

“CNBC Africa” fi Ejensii Anaadooluu Turki dabalatee miidiyaaleen idil addunyaa hedduun sirna eebbaa Hidha Haaromsaa Guddichaa gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment