Milkaa’ina diinagdee Itiyoophiyaa dandeettii loltummaan cimsuufi deeggaruun barbaachisaadha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad milkaa’ina diinagdee Itiyoophiyaa dandeettii loltummaan cimsuufi deeggaruun barbaachisaadha jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa sosochii hojii oomisha diroonii ‘AEROABAY’ daawwataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana akka jedhanitti, utubaawwan biyya tokko dhaaban keessaa jijjiiramni diinagdee tokko.

Riifoormii yeroo amma eegalameen daldalli al-ergiis ta’ee kan alaa galu sadarkaa olaanaan guddachaa jiraachuu, magaalonni ammayyaa’aa jiraachuu, piroojektoonnis qulqullinaafi ariitiin hojjetamanii xumuramaa akka jiran ibsaniiru.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaan biyyoota muraasa milkaa’ina diinagdee argamsiisaa jiran keessaa tokko ta’uus dubbataniiru.

Namoonni badhaadhina biyyaaf yaadan yeroo itti aanutti dhimmi isaan yaaduu qaban dandeettii loltummaa cimsuu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Biyyoonni akka Itiyoophiyaa guddina diinagdeefi dandeettii loltummaan guddachuu yoo baatan diinagdeen humna dhabuu akka danda’u kaasaniiru.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa dhugaa hin shakkisiisne ta’uu himanii, hojiilee diinagdeen eegalaman dandeettii loltummaan cimsuufi deeggaruun barbaachisaadha jedhaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment