Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC) -Milkaa’ina Maree Biyyaalessaaf qaamoleen tumsitootaa fi Dhaabbileen deeggarsa isaanii cimsanii itti fufu qabu jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa.
Komishiniin Maree biyyaalessaa qaamolee tumsitootaa fi dhaabbiilee waliin dhimmoota adda addaa irratti marii geggeesseera.
Pirofeesar Masfin Ar’ayaan wayita kanatti, adeems Maree Biyyaalessaarratti qaamolee tumsitootaaf ibsa taasisaniiru.
Ibsa isaaniin, boqonnaa maree fuulduratti gaggeeffamuuf deeggarsi qaamoolee tumsitootaa cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.
Bakka Butoonni qaamolee tumsitootaa gamasaaniin, hojiilee hanga ammaati hojjetaman mul’ata irraa gara qabatamaatti ce’uu ibsuun, hojiileen eegalaman caalmaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif deeggarsa isaanii cimsanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessuu Dubbi Himaan Komishinichaa Xibaabuu Taaddasaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.