Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Milkaa’inni Ashaaraa Magariisaa badhaadhina fi guddina Ityoophiyaa kan agarsiisu ta’uu Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee ibsan.
Hoggansi fi hojjettoonni Ministeerichaa mataduree “Dhaabuun Bayyaannachuu” jedhuun magaalaa Shaggaritti biqiltuu dhaabaniiru.
Dooktar Girmaan wayituma kana sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Hanga ammaatti biqiltoonni biiliyoona 2.5 kutaalee biyyattii hunda keessatti dhaabamuu ibsaniiru.
Ashaaraan Magariisaa damee qonnaa irratti guddina guddaa fidaa jiraachuu kan hubachiisan Ministirri kun sagantaa kanaan biqiltuun nyaataa, miidhagina naannoo, bosonaafi eegumsa naannoo dhaabamaa jira jedhan.
Sagantaan kun waggoota darban keessatti oomishtummaa dabaluu, dhiqama biyyee hir’isuu fi uwwisa bosonaa dabaluun milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Erga sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabame as biqiltuun dhaabame oomisha eegaluun sharafa alaa guddaa maddisiisaa jiraachuu TOI gabaaseera.