Milkaa’inni Hidha Haaromsaa Guddichaa bu’aa cichoomina keenyaati- Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Qaammee 1, 2017(FMC) – Dhaabbilee nageenyaa ammayyeessuun fi Hidha Haaromsaa Guddicha dhugoomsuun bu’aa cichoomina keenyaati jedhan Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad.

Qaammeen 1 Guyyaan Cichoominaa mata duree “Bu’uura Cimaa Biyya Jabduu” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamaa jira.

Saganticharratti Itti aanaa Itaamaajoor Shuumii Humnoota Waraanaa Jeneraal Abbabaawu Taaddasaa dabalatee Pireezidaantii Duraanii FDRI Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Ministiroonni, hoggantoonni dhaabbilee nageenyaa, hoggantoonni mootummaa olaanoon, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa akkasumas keessummoonni biroon argamaniiru.

Injinar Ayishaa Mahaammad ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, guyyaa Cichoominaa wayita kabajnu injifannoowwan darban qofa osoo hin taane abdii gara fuulduraa fudhachaani jedhan.

Cichoominni koompaasii nu hogganu, humna tokkummaa keenyaa fi xomboora daandii keenya ibsudha jechuusaanii TOI gabaaseera.

Dhaabbilee nageenyaa ammayyeessuun fi Hidha Haaromsaa Guddicha dhugoomsuun bu’aa tokkummaa, kaayyoo waloo fi cichoomina keenyaatis jedhan.

Guyyaan har’aa qormaatilee gara carraa gaariitti jijjiiruun Itiyoophiyaa gara badhaadhina, kabajaafi guddina waaraatti ceesisuuf guyyaa itti waadaa galludha jechuunis ibsaniiru.

Abdii haaraa, miira cimaafi tokkummaa jabaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu eeranii, boqonnaa haaraa Itiyoophiyaan imala gara badhaadhina guddaatti taasiftu eegalamuus kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment