Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessite biyyoota Afrikaaf fakkeenya kan ta’uudha – Ogeeyyii Qonnaa biyyoota Afrikaa

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC) – Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessite biyyoota Afrikaaf fakkeenya kan ta’uudha jedhan ogeeyyiin qonnaa biyyoota Afrikaa garaagaraa.

Wabii nyaataa mirkaneessurra dabartee gabaa addunyaaf oomishaa gahaa dhiyeessuuf dandeettii qabaachuu kan mul’isu ta’uu himan.

Ogeeyyiin qonnaa fi qooda fudhattoonni biyyoota Afrikaa adda adda Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti Qamadii Jallisii Bonee Kilaasteraan misoomaa jiru daawwataniiru.

Itiyoophiyaan jijjiiramni yeroo gabaabaa keessatti galmeessite biyyoota kaaniif muuxannoo olaanaa kan ta’uudha jedhan ogeeyyiin kunneen.

Imaammata mijataa fi teeknooloojii barbaachisoo ta’an guutuun bu’aa argameef gumaacha olaanaa qabaachuu ibsan.

Masaafinti Birileetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment