Milkaa’inni keessan har’aa kan madaalamu gumaacha Itoophiyaa fi ummata isheef gumaachitaniin – Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqa Sillaaseen milkaa’inni  eebbifamtoota ogummaa addaa daddan eebbifamanii  kan madaalamu gumaacha Ityoophiyaa fi ummata isheef gumaahaniin akka ta’e hubachiisan.

Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota ogummaa garagaraan leenjisaa ture kuma 6 ol eebbisiisa jira.

Sirna eebbicahaa irratti kan argaman Pirezidaanti Taayyeen Yuunivarsitichi waggoota 75f sammuu Ityoophiyaa ta’ee qorachaa fi barsiisaa akka ture yaadachiisaniiru.

Eebbifamtoonni Siyaasa addunyaa akka baratan gorsanii, kunis biyya isaanii Itiyoophiyaaf dursa kennuu akka dandeessu hubachiisan..

Eebbifamanii ummatatti yemmuu makamanis addunyaa siyaasaa fi dinagdeen jijjiiramaatti waan makamaniif  utuu abdii hin kutatin biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qabanis gorsan.

Rakkoon idil-addunyaa dabalaa dhufuun abdii utuu hinkutatin fedhii Itiyoophiyaa fi faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuun hojjechuu akka qabnis dubbataniiru.

Milkaa’inni eebbifgamtoota har’aa kan madaalamu sadarkaa barnootaa irra ga’aniin utuu hintaane,  gumaacha Itoophiyaa fi ummata isheef gumaachaniin akka ta’es hubachiisaniiru.

Eebbifamntoonni kunniin waa hunda qorachuun kan gaarii ta’e keessaa akka fudhatan waggaa 50 dura yeroo barchuuf yuuniivarsiiticha seenana barreeffama argan akka ka’umsa godhachuun eebbifamtoota gorsaniiru.

Pirezidaantii eeggataan Yuunivarsiitichaa Dooktar Saamu’eel Kiflee gama isaaniitiin, ofiin of bulchuu yunivarsiitichaa walabummaa barnootaa akka deebise hubachiisaniiru.

Yuunivarsiitichi qorannoo adda addaa gaggeessuu fi waraqaa qorannoo qopheessuun wiirtuu guudinaa ta’uu isaa cimsaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Tattaaffii Yuunivarsiiticha dijiitaala gochuu keessattis mooraa guddicha “Siddisti Kiiloo” ismaartii gochuu fi Hospitaalli Ispeeshaalaayizd “Xiqur Anbassaa” tajaajila yaalaa dijitaalaa kennaa jiraachuu kaasan.

Yuunivarsiitichi yeroo ammaa barattoota barattoota kuma 6 fi 849 eebbisiisaa jira.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment