Finfinnee, Caamsaa 1, 2017(FMC)- Milkaa’inni riifoormii warshaa sukkaaraa Wanjii warshaalee biroorraa ni eegama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Bu’aa akkaataa riifoormiin itti hojjetamuuf agarsiistuu ta’u Warshaa Sukkaaraa Wanjii Shawaatti argineerra jedhan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Warshichi waggaa torbaatama har’aa bu’uura gaarii irratti ijaaramuu kaasaniiru.
Yerootti sirnaan fayyadamnaan ariitiifi kalaqaan bara dursuun akka danda’amu eeraniiru.
Warshaan sukkaaraa Wanjii waggaa sadan har’aa miindaa hojjettootaa kaffaluu dadhabee akka tureefi idaaf saaxilamee turuu yaadachiisanii, hojii riifoormii hojjetameen dandeettiin oomishuu isaa guyyaatti kuntaala kuma 1 fi 500 irraa gara kuntaala kuma 7’tti guddachuu ibsaniiru.
Kana malees oomisha karameellaa Dastaa waggoota 14 dura oomishuu adda kute oomishuu eegaluu kaasaniiru.
Sagantaa Maaddii Guutuun guyyaatti aannan liitira kuma 3 fi hanqaaquu kuma 20 hojiin oomishuu dandeessisu hojjetamuus ibsaniiru.
Mooraafi ooyiruun warshichaa ija kan hawwatu ta’uu kaasanii, warshichi bara qormaataa darbuun baatiiwwan sagal keessatti galii Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 700 argamsiisuu eeraniiru.
Bu’aan riifoormii kun warshaalee biroorraa kan eegamu ta’uu ibsuun, yoo hojjenne boru dursuu dandeenya jedhaniiru.