Milkaa’inoota Fooyyessii Diinagdee Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf tumsaan ni hojjenna – Baankii Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Milkaa’inoota Fooyyessii Diinagdee Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf tumsaan ni hojjenna jedhe Baankii Addunyaan.

Milkaa’inoota fooyyessichaan argaman caalmaatti itti fufsiisuuf Itiyoophiyaa waliin tumsaan ni hojjenna jedhan Daayrektarri Maaneejiingii Baankii Addunyaa Anaa Beerdeen.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Daayrektara Maaneejiingii Baankii Addunyaa Anaa Beerdeenii fi Pireezidaantii Itti Aanaa Naannawaa Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Nidiyaamee Diyoog waliin mari’ataniiru.

Milkaa’inoota fooyyessii Diinagdee Itiyoophiyaan galmaa’aan dabalatee misooma hammataa fi waaraa, akkasuma diinagdee Gooroo tasgabbaa’aa ta’e mirkaneessuun dhimmoota dursi kennamuuf ta’uu marichaan ka’eera.

Itiyoophiyaan diinagdee damee dhuunfaan durfamu ijaaruuf tattaaffiiwwan garaagaraa taasisaa jiraachuu obbo Ahimad Shiideen kaasaniiru.

Anaa Beerdeen gama isaaniin bulchiinsa imaammata maallaqaa,dhiibbaa qaala’iinsa gatii hir’isuu, kuufama sharafa alaa guddisuu,akkasuma gabaa sharafa alaa tasgabbeessuuf hojiilee hojjetaman dinqisiifataniiru.

Milkaa’inoota argaman kanneen itti fufsiisuuf tumsa barbaachisu kan taasisan ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lamaan carraa hojii uumuu, misooma annisaa, loojistiksii, ce’umsa diijitaalaa, qonna, damee dhuunfaa, misooma Interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaa fi dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tumsa waliin qaban cimsuuf waliigalaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment