Milkaa’inoota imaammata fiskaalaa fi tarkaanfilee faayinaansii waggoota jijjiiramaa…

Finfinnee, Bitootessa 1,2018 (FMC) – Jijjiiramni biyyaalessaa dhugoomuu hordofee fooyya’iinsa imaammata fiskaalaa fi faayinaansii irratti hojirra ooleen milkaa’inni hedduun galmaa’eera jedhe Ministeerri Maallaqaa.

Ministeerichi odeeffannoo baaseen akka ibsetti, hir’ina baajeta mootummaa, guddina galii, bajeetni hawaasa galii gadi aanaa qabu deggeruuf ramadamu, amansiisummaa baajetaa akkasumas tasgabbii gatii fi bulchinsa faayinaansii ammayyeessuu irratti hojiin hojjetame bu’aa fideera.

Hir’ina baajetaa mootummaa xiqqeessuuf tarkaanfii fudhatameen hir’ina baajetaa oomisha waliigalaa biyyaa keessaa %2.5 ture gara % 0.9tti gadi buusuun danda’ameera.

Fooyya’iinsawwan galii mootummaa fooyyeessuuf karoorfamaniin galiin waliigalaa dachaa shanii oliin guddateeras jedhe.

Baasii mootummaa hojiiwwan hiyyummaa hir’isaniif oolchuuf hojii hojjetameen baasiin mootummaa hawaasa galii xiqqaa gabu deggeruuf ba’e dachaa shanii oliin akka dabales ibseera.

Hammattoon fiskaalaa yeroo giddu galeessaa amanamummaa baajetaa mirkaneessuuf kan dandeessise yoo ta’u, kunis raawwii baajetaa fooyyessaa akka dhufe kaaseera.

Qaala’iinsa gatii hambisuuf yaalii taasifameen liqiin kallattii Baankii Biyyaalessaa irraa fudhatamaa ture addaan cituu yaadachiisuun kunis bu’aa akka fide eereera.

Mootummaan sirna odeeffannoo bulchiinsa faayinaansii qindaa’aa ta’e diriirsuu ibsee, filannoowwan kaffaltii dijiitaalaa hojiirra oolchuun sirna faayinaansii ammayyeessuun sirna bulchinsa faayinaansii ammayyeessuun akka danda’ame ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment