Finfinnee, Caamsaa 25, 2017(FMC) – Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii hojimaata isaa fooyyessuufi itti quufiinsa maamilaa guddisuuf hojjechaan jira jedhe.
Ministeerichi guyyaa har’aa loogoo haaraa beeksiseera.
Sagantaa loogoo beeksisuu kanarratti Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattootaa argamaniiru.
Dooktar Alamuun waltajjicharratti akka jedhanitti, loogoo haaraan kun hojii ministeerichi dhaabbilee biroorraa ittiin adda bahee beekamudha.
Ministeerichi hojimaata isaaa fooyyessuufi itti quufiinsa maamilaa guddisuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu yaadachiisuuun, loogoon haaraan kunis guyyaa har’aan booda hojiirra oola jedhan.
Loogochi qindoomina dhaabbilee damichaan muuxannoo qabaniin qophaa’uufi akkaataa mul’ata, ergamaafi duudhaalee dhaabbatichaa ibsuun kan qophaa’edha.
Yeshaambal Mihiiratitu gabaase.