Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC) – Ministeerri Dhimma Alaa manneen jireenyaa magaalaa Dirre Dhawaatti ijaare harka qalleeyyiif dabarseera.
Ministeerichi manneen jireenyaa 20 Embaasii Keeniyaa waliin ta’uun ijaare kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif dabarseera.
Kantibaa Magaalichaa obbo Kadir Jahaar, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos dabalatee hoggantoonni olaanoon, Ambaasaaddaroonnii fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti argamaniiru.
Manneen jireenyaa ammayyaa kunneen Birrii miiliyoona 20 oliin kan ijaaraman ta’uu ibsame.
Ministeerichi hojiilee hawaasa fayyadamoo taasisan hojjechuu kan itti fufu ta’uu eerameera.
Tasfaayee Hayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.