Ministeerri Fayyaa meeshaalee fayyaa Birrii biiliyoona 4 ol naannoleefi bulchiinsota magaalaa deeggare

Finfinnee, Hagayya 8, 2017(FMC)- Ministeerri Fayyaa meeshaalee fayyaa Birrii biiliyoona 4 olitti tilmaamaman naannoleefi bulchiinsota magaalaa deeggare.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana hojii mootummaan tajaajila fayyaa fooyya’aa waliingahuuf hojjechaa jiruun bu’aa jajjabeessaan argameera jedhan.

Tajaajila fayyaa qulqullina qabu babal’isuuf meeshaalee yaala fayyaa guutuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasanii, dhaabbilee fayyaa babal’isuufi dhiyeessii meeshaalee yaala fayyaafi qorichaa guutuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Dandeettii ogeeyyii damichaa guddisuurrattis hojjetamaa jira jedhan.

Deeggarsi kunis Tajaajila Dhiyeessii Qorichaan taasifamuu eeranii, tajaajila fayyaa ammayyeessuufi waliingahuuf dandeettii akka uumu hubachiisan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment