Ministeerri Fayyaa naannolee sagaliif ambulaansii kenne

Finfinnee, Fulbaana 29, 2018 (FMC) – Ministeerri Fayyaa naannolee sagaliif ambulaansii deeggarsaan kenne.

Deeggarsi kun Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 50 kan baasu yoo ta’u, deeggarsa mootummaa Jaappaan irraa argameen kan bitaman ta’uun ibsameera.

Deeggarsichi bakka Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan fi bakka buutonni dhaabbilee deeggartootaa argamanitti kennameera.

Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana, deeggarsichi rakkoolee damichaan mul’atan maqsuuf kan gargaaru ta’uu dubbatan.

Qulqullinaafi waliingahiinsa tajaajila wal’aansaa haadholiifi daa’immanii guddisuuf sagantaaleen garaagaraa hojiirra oolaa jiraachuu eeranii, deeggarsi kunis sagantaalee kanneen keessaa tokko ta’uu kaasan.

Naannoleen deeggaramanis tajaajila haadholiifi daa’immanii irratti warreen raawwii gadi aanaa galmeessan ta’uun eerameera.

Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment