Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaafi Tumsa Idil-addunyaa Xaaliyaanii Maariyaa Tiriipoodiin misooma qarqara lagaa magaalaa Finfinnee Inxooxxoo hanga Araadaa jiru daawwataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Fooramiin jalqabaa Konistiraakshinii, Bu’uuraalee Misoomaafi Magaalaa Deebisanii Ijaaruu Itiyoo-Xaaliyaanii Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fooramichaan cinaatti Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Xaaliyaanii Maariyaa Tiriipoodii waliin misooma qaraqara lagaa fi hojiilee eegumsa naannoo Inxooxxoo hanga Araadaa jiru daawwanneerra jedhan.