Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Ministiroonni Dhimma Alaa Maa’urtaaniyaa, Somaaliyaa, Rippaabiliika Dimokiraatawaa Sahaaraawwii Arab fi Seeraa Li’oon Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaafi Walga’ii Idilee Hojii Raawwachiistotaa gamtichaa 48ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Maa’urtaaniyaa Mohaammad Saalem O’uld Meerzaag, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii Alii, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Rippaabiliika Dimokiraatawaa Sahaaraawwii Arab Mohaammad Yeslaam Bee’isaat fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Seeraa Li’oon Muusaa Tiimootii Kaabaan har’a ganama Finfinnee galaniiru.

Hoggantoonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee gahan hoggantoota olaanoo Ministeera Dhimma Alaan simatamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment